Seenaa Gootota Waangeeela8/23/2020
Oromoon osoo ámantaan kamillee biyya kéessa hin seeniin bifá kanaan Waaqa tókkicha kadhata, galateeffata, kánaaf Oromoon Waaqeffataadha jédhu hangafootni.Uummatni tokko áadaa isaa keessaa sabóota birootti, namoota biróotti ykn naannoo biróotti mulata; ibsama, darbées beekama.Dhugaa ifa gaIeessa tae kanaan, áadaa uummatni Oromoo gáma hundaan qabu yóo ilaalle, Uummatni 0romoo aadaa hedduu maaIummaa isaa ballinaan béeksisuu dandaan qaba.Haalli uumama dachée Oromoo mataan isáa itti fayyadama Aádaa Uummata Oromoo waIiin haala walitti hidháta godhachuu malaniin wáan uumaman fakkaatu.
Aadaan Uummata 0romoo hamilee hawaasichaa waIiin kan wal qabaté dha. Dinagdeeniifi amantaan UummatichaaIlee Aadaadhuma sana kéessaan calaqqisu. Aadaawwan Uummatichaa keessaa, Aadaa fuudhaafi heerumaa, Aadaa nyaataa, Aadaa uffannaa, aadaa waaqeffannaafi galateffanna, Aadaa ittiin aangoo walitti kennaniifi dabarsan k.k.f eeruun ni dandaama. Oromtichi jiruufi jiréenya isaa keessatti wáan dalagu mara sirná ittiin geggeessu, kán safuufi safeeffannaa óf keessaa qabu Wáaqa isa uumáa Ardii kanaa taéef yeroo mara iddóo guddaa kan kénnuudha. Oromoon erga bára Mootummaa Abbaa lrree Minilikii kaasee hánga bara kufaatii Dárgiitti mudannoowwan adda áddaa, qonyonyaa márummaanii itti táuun hin irraanfatamne hédduu keessa darbee ás gae. Eenyummaafi Aadaa isáa jedhee, qeee irrá jiraatu irratti dáraramaafi itti wareegamaa turé. Haa tau maIee, Oromoon Aadaa isáa, ibsituu maalummaa isáa kan taate kána qabatee hanga kufáatii Mootummaa abbaa irréefi barraaqa aduu Móotummaa Uummataa bara 1984tti turee jira. Heera Mootummaa hirmáannaa Uummataan mirkanaaeen Aádaan Oromoo kaleessa máqaan itti moggaafamée, xuriin itti dibaméefi akka tuffatamu taée ture sun irráa kaee Uummatni ábbaa Aadaa fi séenaa tae Aadaa isáa bakka ganamaatti bifá sirrii taeen déebifatee ittiin jiraachuu érga eegalee kunoo nuusá Jaarraa lakkoofsisuu dandaée jira. Calaqqisiistuu Oromummaa Aádaa tae keessaa tókko sirna Galateeffannaafi waaqéffannaa Oromoo Irreechi isá tokko dha. Uummatni Oromoo durumá uumama isaa irráa kaasee sirna áadaa isaa ittiin géggeessu, amantii isáa ittiin ibsatu, baróotaaf itti fayyadamaa kán ture, kan dhuunfáa isaa waan taé sirna Waaqeffannaa kán qabudha. Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti iddoo guddaa fi olaanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun wáaqaaf qabus kanuma irráa madda jedhu hangafóotni Oromoo. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama taee náma dhugaa kana shákku yoo arge Wáaqni ákka itti hin mufanneef 0romoon araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu taeen waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhagaaaf. Kanaaf, Oromoon Uumáma Waaqaafi harka námaa taan kamiinillee bákka Waaqaa buusée hin waaqeffatu gáruu uummama kanatu góchaafi humna Waaqaa ibsá jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon Iageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarréewwaniifi wanneen kana fákkaatan itti hin waaqéffatu. Haala kanaan, 0romoon Waaqa Uumaa wáa hundaa tae kána bifaafi adéemsi ittiin waaqeffatuufi gaIateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun Wáaqa tokkicha sana gaIateeffachuudha jedhu abbootiin. Sirni Gadaa 0romoo waa hunda 0romoon dalagu, Aadaa, jiréenya hawaasummaa, diinagdee háwaasichaa, Sirna BuIchiinsaa ykn Siyaasaa ákkasumas, amantaafi wanneen kánaan walitti hidhata qában sirritti ijaaramanii kán keessatti mulataniidha. Haala kanaan JaarmiyaaIee sirna Gadaan ijáaraman keessaa Kan Aádaan Uummatichaa keessaan muIatu, beekamu, daddarbu lrreechi isa tokko.
0 Comments
Leave a Reply.AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |